Fana: At a Speed of Life!

Waltajjiin marii koreewwan diinagdee Ministeeraa Maallaqaa fi Embaasii Faransaay eegalame

Finfinnee, Eebla 11, 2015 (FBC)- Waltajjiin marii 3ffaan koreewwan diinagdee Ministeeraa Maallaqaa fi Embaasii Faransaay Finfinneetti eegalameera.

Waltajjichi Ogeeyyii Ityoophiyaatti Embaasii Faransaay, Abbootii Taayitaa fi Bakka Bu’oonni Dhaabbilee Faransaay hirmaachaa jiru.
Waltajjii marichaan dhaabbileen Faransaay guddina diinagdee Ityoophiyaa deeggaruuf dhimmoota dandeessisan irratti akka mari’atan eegama.

Dabalataan, gufuuwwaan invastmantii fi furmaataa damee humna haareffamaan ilaalchisee akka mari’atamu ibsamuu ragaan Embaasii Faransaayirraa argame ni mul’isa.

Akkasumaa dhaabbileen garaagaraa muuxannoo isaanii akka dhiyeessan ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.