Fana: At a Speed of Life!

Ummata Ityoophiyaatiif kan tolu tokkummaan jiraachuudha-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Eebla 12, 2015 (FBC)- Ummata Ityoophiyaatiif tokkummaan jiraachuu fi waltumsuu wayya jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Obbo Shimallisa Abdiisaan kabaja Ayyaana bara haaraa Ummata Sidaamaa “Fichee Caambalaalaa” irratti argamaniiru.

Akka isaan jedhanitti Ityoophiyaa kan guddina ishee harkifachiise, inni tokko isa kaan duubatti harkisuu fi waldeeggaruu dhabuudha malee, uumamaan wanti nu hanqate hinjiru.

Ummaanni Sidaamaa ummata dhaha ofii isaa qabu, ummata qabeenyaa fi beekumsa cimaa qabu ta’uu ibsaniiru.

“Ficheen” mul’ata guddaadha kan jedhan Obbo Shimallis ammas waliin ayyaana kana kabajuu qofa osoo hintaane maalummaa ayyaanichaa Addunyaatti beeksisuu fi barsiisuun nurraa eegama jedhaniiru.

Tokkummaa ummataa cimsuun beekumsa keenya walitti ida’uun biyya cimtuu fi diinagdeen guddate ijaaruun, jijjiirama qabatamaa fiduuf halkaniifi guyyaa hojjachuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Ayyaanni bara haaraa ummata Sidaamaa “Fiichee Caambalaalaan” Magalaa Hawaasaatti sirnoota garaagraan kabajamaa jira.

Xilaahun Yilmaa, Birhaanuu Bagaashaaw fi Tamasgeen Bulbulootu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.