Fana: At a Speed of Life!

Sudaan waliigaltee dhukaasa dhaabuurraa geessullee lolli itti fufeera

Finfinnee, Eebla 11, 2015 (FBC)- Sudaan waliigaltee dhukaasa dhaabuurra geessullee lolli itti fufuun gabaafame.

Hawaasni Idil Addunyaa gidduu seenuun jaarsummaa erga taa’ee waliigalteen dhukaasa dhaabiinsaa ergaa taasifamee sa’aatiiwwan muraasa booda lolli itti fufuun ibsameera.

Jaarsummaan waliigaltee irra ga’ame hojiirra oolchuun hafee muddamni bakkeewwan murteessoo qabachuu humna waraanaa biyyattii fi humnoota dafee qaqqabaa gidduutti taasifamaa jiraachuu Aljaziiraan gabaaseera.

Waliigaltee dhukaasa dhaabiinsaa ilaalchisuun gareen lameen yeroo walhimatan mul’ateera.

Tamsaasa kallattii bufataaleen televiizhinii Kaartumitti argaman hedduurratti sagaleen dhukaasaa dhaga’amaa akka ture himammeera.

Ajajaa olaanaan waraana Sudaan magaalattii fi naannawicha eeguu akka itti fufan dubbachuun gabaafameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.