Fana: At a Speed of Life!

Sirni Gulantaa kennuu Komishinii Poolisii Oromiyaa gaggeeffame

Finfinnee, Eebla 12, 2015 (FBC)- Komishiniin Poolisii Oromiyaa sirna kenniinsa guddina gulantaa olaanaa fi beekkamtii miseensota isaa Magaalaa Adaamaatti gaggeeffameera.

Sirnicharratti Itaamajoor Shuumii Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa, Koomishinara Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’eel, Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdisaa, Koomishinara Jeneeraalaa Koomishinii Poolisii Oromiyaa Dirribaa Makonniin, Afyaa’ii Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurrahmaan dabalatee Qondaaltota Raayyaaa Ittisaa Biyyaa, Abbootii Gadaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.

Saganticharratti Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan, Poolisiin Oromiyaa goota ta’uu ibsuun gootummaa isaaniittis kan boonnudha jedhan.

Poolisiin Oromiyaa waggoottan shanan darbanitti wareegama olaanaa kaffaluun jijjiiramni akka lafa qabatu taasisuu ibsuun, kanaanis kabaja Ummata Oromootti horuu himaniiru.

Qaamoleen nageenyaa nageenyi naannichaa akka mirkanaa’uuf aarsaa kaffalan hundaas galateeffataniiru.

Ammas imaanaa gootonni qaamoleen nageenyaa naannichaa nageenya biyyaa eegsisuuf ba’atan hordofuun barbaachisaa ta’uu kan kaasan Obbo Shimallis, poolisii Uummata Oromoo madaalu ijaaruun akka barbaachisus himaniiru.

Poolisiin Oromiyaa murtee mootummaan fedelaalaa Humna Addaa Oromiyaa irra deebiin gurmeessuuf murteesse naamusa cimaan waan raawwatameef galata dhiyeessaniiru.

Poolisiin naannichaas nageenyaa fi misooma Oromiyaa milkaassuuf hojjechuun akka irraa eegamuu dhaamaniiru.

Mulugeetaa Girmaa fi Yismaawu Adaraawutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.