Fana: At a Speed of Life!

Ramadaanni ji’a ibaadaa fi toltuun keessatti hojjetamu hundi dachaan namaaf galmooftudha-Pir. Shimallis Abiisaa

Finfinnee, Eebla 12, 2015 (FBC)- Ramadaanni ji’a ibaadaa fi toltuun keessatti hojjetamu hundi dachaan namaaf galmooftu, kan halkan leeylatul qadrii sadarkaan ishee guddaa ta’ee fi ji’a kuma tokkoo olitti ilaalamtus keessatti argamtu baatii mul’attuu fi jaallatamtuudha jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

obbo Shimallis Abdiisaan Hordoftoonni Amantaa Musliimaa Naannoo fi Biyyaa baga Ayyaana Iid Al Faxir waggaa 1444ffaa Nagaan Geessan jedhaniiru.

Guutummaan Ergaa isaanii Akka ittaanutti dhiyaateera.

Ayyaanni Iid Al Faxir Ayyaana guddaa hordoftoonni amantaa Musliimaa ajaja Rabbi biraa kennameef galmaan ga’uufi hiikaa sooma baatii tokkoo sababeeffachuun kabajan, ayyaana eebbifamaadha.

Baatii eebbifamaa kana gammachuun simattanii duudhaa amantichaa kabajuudhaan soomaafi Ibaadaan, dhiifamaafi araaraan fuula Rabbiis dhaabbattanii hiikaa sooma Ramadaanaa waggaa 1444ffaa dhaaf kanneen qaqqabdan hundi baga geessan, baga waliin geenye Iid Mubaarak jechuun barbaada.

Jiini Ramadaanaa baatii kabajamaa yemmuu ta’u, guyyaa soomaan, halkan sagadaafi kadhannaadhaan kan dabarfamu, gaarii waliif yaaduun, kan beela’e nyaachisuu, kan daare uffisuu, kan dhibame gaafachuu, kan wal dhabe araarsuufi qaamaaf qalbiin gochaawwan Rabbi biratti fudhatama qaban kan itti raawwatamuufi wal bira dhaabbachuudhaan qor-qalbii walii ijaaruun kan beekamudha.

Jiini kun akkuma ergamaan Rabbii Nabiyyuu Muhaammad (SAW) jedhan ji’a balballi Jannataa itti banamee balballi Jahaannamaa itti cufamuufi ji’a qur’aanni qulqulluun keessatti bu’e ta’uu isaatiin ji’oota kaan irraa adda ta’uutu hubatama.

Ramadaanni ji’a ibaadaafi toltuun keessatti hojjetamu hundi dachaan namaaf galmooftu, kan halkan leeylatul qadrii sadarkaan ishee guddaa ta’ee fi ji’a kuma tokkoo olitti ilaalamtus keessatti argamtu baatii mul’attuufi jaallatamtuudha.

Kabajamtoota hordoftoota amantaa Islaamaa, ajaja amantaa keessanii kabajuudhaan baatii Ramadaanaa keessa naamusa olaanaa ta’een sirna salaataa gamtaadhaan gaggeeffachaa, sagantaa Ifxaaraa irrattis obboloota keessan amantaa biroo hordofan waliin tokkummaafi jaalalli isin mul’iftan fakkeenyummaa guddaa ta’e kan qabu yemmuu ta’u, hariiroo obbolummaa cimaa ta’e dagaagsuudhaan birmannaafi tumsi olaanaan isin taasisaa turtan kan dinqisiifatamudha.

Aadaan wal gargaarsaa baatii Ramadaanaa keessatti mul’ateefi sirni maaddii waliif qooduu sadarkaa garaa garaatti gaggeeffamaa ture aadaa uummanni keenya jaalala, waliif qooduu, wal kabajuu, hiyyeessa deeggaruuf qabu caalaatti kan dagaagsu hojii eebbifamaa yemmuu ta’u, qajeeltoon sirni Zakaatul Faxirii ammoo walooma keenyaaf muuxannoo guddaa ta’e kan nuuf qoodudha.

Akkuma maqaaf qajeeltoo amantichaa irraa hubachuun danda’amutti amantiin Musliimaa nageenyaaf dursa kan kennu, bu’uurri waan hundaas nageenya ta’uu kan labsu waan ta’eef qajeeltoo gaarii kana itti fufsiisuun nageenyi amansiisaan iddoo hundatti akka mirkanaahuuf kadhannaafi kallattii maraan hirmaannaa keessan akka cimsitan amaanaa jechuun barbaada.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas naannoo keenya keessa lammiileen yaaddoo tokko malee akka jiraataniif, wal qixxummaan amantaa akka mirkanaa’u, namni kamuu mirgi isaa eegamee hojii misoomaa irratti bobba’uun jiruuf jireenya isaa akka jijjiiruufi misoomni itti fufinsa qabus galma akka ga’uuf hojjechaa jira.

Haata’u malee, humnoonni gochaa Rabbiifi nama birattis fudhatama hin qabne hojii taasifan, karaa uumaafi uumamatti hin tolleen shira xaxanii walitti bu’insaafi buqqaatiin garaa garaa darbee darbee yoo uumamu ni mul’ata.

Kaayyoon humnoota kanneenii dhugaa lafa irra jiru haaluun biyya keenya keessatti uummanni nagaan ba’ee akka hin galle, misoomni dhaloota jijjiiru akka hin mirkanoofne, hariiroon waliin jireenya sabaaf sablammootaa akka hin cimneef summii facaasuudha.

Uummanni keenya kana hubachuun shiraafi gocha qaamolee kanaa maseensaa, irree gamtoomeen imala badhaadhinaa jalqabame milkeessuuf hojjechuu qaba.

Obbolummaa cimaa baatii Ramadanaa keesaatti mul’iftan, kabajaafii ulfina, jaalalaafi tokkummaa hordoftoota amantaalee biroo waliin agarsiiftan caalaatti jabeessuun misoomaafi nageenya biyya keessaniif waloon akka dhaabbattaniif ammas irra deebi’ee dhaamuun barbaada.

Dhuma irrattis ayyaanni Iid Al Faxir waggaa 1444ffaan kun nagaafi gammachuu akka nuuf tahu hawwaa baga guyyaa eebbifamaa kana kana geessan!

Iid Mubaarak!

Oromiyaa ni ijaarra,

Itoophiyaa ni utubna,

Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina;

Waaqayyos nu gargaara.

Ayyaana Gaarii!

Ebla, 2015

Finfinnee!

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.