Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Mokonnin Gaanfa Afrikaatti Ergamaa Addaa Ameerikaa waliin mari’atan

Finfinnee, Eebla 15, 2015 (FBC)- Ittaanaa Muummee Ministiraa Fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin Gaanfa Afrikaatti Ergama Addaa Ameerikaa Ambaasaaddar Maayik Hamar waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin hariiroo biyyoota lameenii caalmaan haala cimsuun danda’amuu fi dhimmoota rakkoolee nageenyaa naannichaatti mul’atanirratti mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan hojiirra oolmaa waliigaltee nageenyaa Piritooriyaarratti ibsa kennuun, waliigaltecha guutummaan hojiirra oolchuuf Ityoophiyaan kutannoo qabaachuu ibsaniiru.

Dabalataanis, sagantaa dandamachiisuu fi ijaarsaa, mootummaan Ityoophiyaa gaggeessaa jiruuf qabatamaan deeggarsa akka taasisan gaafataniiru.

Ityoophiyaan naannawichatti gahee ijaarsaa taphachaa jiraachuu yaadachiisanii, nageenyi waaraan Sudaanitti akka mirkanaa’uufis ummataa Sudaan cinaa akka dhaabbatan kaasaniiru.

Ambaasaaddar Maayik Hamar gama isaaniin Ameerikaan nageenyaa fi baadhinni Ityoophiyaatti akka mirkanaa’uuf deeggarsa taasisuu akka itti fuftu ibsaniiru.

Naannawichaatti rakkooleen hedduun mudachaa jiraachuu eeruun hawaasni addunyaa tumsa barbaachisaa akka taasisu waamichaa dhiyeessuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.