Naannoo Amaaraatti sochii hojii dhaabuun kufaatiin diinagdee akka mudatuuf qaamoleen tattaafatan sirrachuu qabu-Biiroo Nageenyaa Naannichaa
Finfinnee, Eebla 15, 2015 (FBC)- Naannoo Amaaraatti sochii hojii dhaabuun kufaatiin diinagdee akka mudatuu fi jireenyi ummataa akka walbuusuuf qaamoleen tattaafatan sirrachuu akka qaban Biiroon Nageenyaaf Tasgabbii Naannichaa hubachiise.
Hogganaan Biirichaa Obbo Dassaalanyi Xaasaawu haala yeroo nageenyaa Naannoo Amaaraa ilaalchisuun ibsa kennaniiru.
Ibsa isaaniin ayyaanonni Faasikaa fi Iid Alfaxiir nagaan xumuramuu kaasanii, hawaasni naannichaa fi dargaggoonni hirmaannaan nageenyaaf taasisaa turan kan dinqisiifatamuudha jedhan.
Ololli gurmaa’insa humna addaa naannichaa gufachiisuuf ololamaa ture, oolmaa biyyaaf wareegamaa kan kaffalaan kabaja miseensotaa humna addaa naannichaa kan madaalu hinturre jedhan.
Yeroo ammaas miseensonni humna addaa mirgii fi faayidaan isaanii kabajameefii leenjii garaagaraa fudhachuun gara dhaabbilee ramadamaniitti galaa jiraachuu eeraniiru.
Haali nageenyaa yeroo ammaa naannichaas haala gaariirra jiraachuu eeruun, ta’us, itti quufiinsa ummataa fiduuf hojiilee hedduun akka hafan dubbataniiru.
Hawaasni humna isaa guutuun gara hojiitti akka seenuuf mootummaan hojii idilee nageenyaa eegsisuu cimsee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
Hawaasni tasgabbiin akka hinjiraanne qaamolee taasisan, sirreeffamaa barbaachisaa akka argatan dhaabbileen nageenyaa Federaalaa fi Naannoo qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Beellamaa qabachuun yeroo yeroon daandii cufuu fi hojii dhaabbilee gufachiisuun ummataa boqonnaa dhowwuuf qaamolee tattaafatan irratti tarkaanfiin akka fudhatamu Obbo Dassaalanyi ibsuu AMC’n gabaaseera.
Ummannis qaamolee akkanaa saaxiluu fi dhaabbilee nageenyaaf eeruun tasgabbii fi humna guutuun gara misoomaatti akka deebi’u waamicha dhiyeessaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.