Mariin Shanee waliin taasifamu Taanzaaniyaatti iftaan eegala
Finfinnee, Eebla 15, 2015 (FBC)- Mariin nageenyaa Shanee waliin taasifamu Taanzaaniyaatti iftaan eegala jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.
Sirni beekkamtii qooda fudhattoota waliigaltee nageenyaa mata duree “Waraanni haa ga’u; Nagaa haa mirkaneessinu” jedhuun gaggeeffameera.
Sirnicharratti Muummen Ministiraa Abiy Ahimad haasawaa taasisaniin, torban dhufu keessaa taateeewwan gaggeeffaman keessaa mariin nageenyaa Shanee waliin taasifamuu Taanzaaniyaattii akka eegalu himaniiru.
Kanas hawaasni Godinoota wallaggaa boqonnaa akka argatuuf hunduu gumaachaa gamaa isaa akka taasisu waamicha dhiyeessaniru.
Kana malees, jilli Ittaanaa Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaatiin durfamu gara Maqaleetti akka imalu eeraniiru.
Jilichis pireezidaantota naannolee hundaa kan hammate akka ta’u dubbatan.
Ityoophiyaan Deeggarsa gara Sudaanitti erguuf qophii taasisuu kan ibsan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad deeggarsichan Qamadii kuntaalli kumni 50 akka ergamu beeksisaniiru.
Humnoonni Sudaanis filmaata nageenyaaf dursa akka kennan waamicha dhiyeessnaiiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.