Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan waliigaltee nageeyaa mirkaneessuuf hojiilee dinqisiifataman hedduu hojjetteetti-Haanaa Serwaa Teetee

Finfinnee, Eebla 16, 2015 (FBC)- Ityoophiyaan waliigaltee nageeyaa mirkaneessuuf hojiilee dinqisiifataman hedduu hojjetteetti jedhan Gaanfa Afrikaatti Ergamtuun Addaa Barreessaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Haanaa Sarwaa Teetee.

Waliigaltee nageenyaa Piritooriyaa hordofee, adeemsicha keessatti qaamolee qooda fudhataniif sirni beekkamtii fi galateeffannaa kaleessa Finfinneetti gaggeeffameera.

Saganticharratti, Haanaa Sarwaa Teettee dabalatee qaamolee waliigaltee nageenyichaaf gumaacha taasisaniif beekamtiin kennameera.

Walitti bu’iinsa kutaa Kaabaatti mudatee ture karaa waliigaltee nagaan xumuramuu dinqisiifataniiru.

Waliigaltee Piriitooriyaatti mallatteeffame booda jijjiiramoonni hedduun qabatamaan galmaa’uu eeranii, kunis cimee akka itti fufu hojjechuu barbaachisa jedhaniiru.

Nageenyi waaraan guyyaa tokkotti akka hinargamne dubbatanii, gama kanaan waliigalteen nageenyaa kutaalee hawaasaa hundaa walitti dhiyeessuun akka jabaatu guyyuu hojjechuu akka barbaachisu eeraniiru.

Baatiiwwan jahan darban waliigaltee nageeyaa gama hojiirra oolchuutiin hojiileen hojjetamanis hedduu kan gammachiiseen ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaanonni fuuldurattii nageenya isaanii eegsisanii biyya isaanii waloon ijaaruun Afriikaanotaaf fakkeenya akka ta’an amantaa isaanii ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.