Fana: At a Speed of Life!

Bobbii hojii biyya alaaf daandiin seera qabeessi diriirfamuun ibsame

Finfinnee, Eebla 12, 2015 (FBC)- Bobbii hojii biyya alaan walqabatee daandiin seera qabeessi diriirfamuu Ministeerri Hojii fi Ogummaa beeksiee.

Ministirri Ministeerichaa Aadde Mufaariyaat Kaamil, bobbii hojii biyyaa Alaa ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin, waliigaltee Mootummaa Libaanoos taasifameen lammiileen karaa seeraa qabeessaan gara hojiitti galuu kan danda’an ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan Libaanoos, qabiinsa hojjechiistootaa, miindaa hojjetootaa fi nageenya isaanii eegsisuu irratti hordoffii ni taasisa jedhaniiru.

Waliigaltee nageenyaa fi fayyadamummaa lammiilee eegsisuurra gahamuus eeraniiru.

Haaluma walfakkatuun Mootummaa Saa’ud Arabiyaa waliin mariin taasifamuun, miindaa hojjetootaa, mirga lammiilee fi nageenyaa isaanii eegsisuuf waliigaltee irra gahamuu ibsaniiru.

Namni tokko Koontiraata waggaa lamaa kan mallattessuu yoo ta’u, yoo mijaachuu baatee mirga jijjiiruu kan qabu ta’uun ibsameera.

Dhiironnii fi dubartoonni guutummaanii fi gartokkeen leenjii fudhatan biyyoota kanneenitti hojjechuu akka danda’an ibsameera.

Mana hojjetan keessaa miliquun garuu yakka ta’uu Aadde Mufaariyat hubachiisaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.