Bakka MM Abiy Ahimad argamanitti sirni beekkamtii qooda fudhattoota nageenyaa gaggeeffamaa jira
Finfinnee, Eebla 15, 2015 (FBC)- Dura bu’ummaa Gamtaa Afrikaan marii nageenyaa keessatti qaamolee fudhataniif sirni beekkamtii kennuu bakka Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad argamaniitti gaggeeffamaa jira.
Sirnichi mata duree “Waraanni haa ga’u; Nageenya haa mirkaneessinu” jedhuun Finfinneetti gaggeeffamaa jira.
Sirnicharratti Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimadiin dabalatee Dura Taa’aa Koomishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaammat, Ministirootaa fi qondaaltonni mootummaa biroon argamaniiru.
Mootummaa Ityoophiyaa fi ABUT gidduutti walitti bu’iinsa uumame dhaabuuf Onkoloolessa 24, 2015 Afrikaa Kibbaa Piritooriyaatti waliigaltee nageenyaa mallatteeffamuun kan yaadatamuudha.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.