Fana: At a Speed of Life!

Ayyaana Iid Alfaxir 1444ffaa sababeeffachuun daandilee cufaman Poolisiin ifoomse

Finfinnee, Eebla 12, 2015 (FBC)- Poolisiin Magaalaa Finfinnee Ayyaanni Iid Alfaxiir guyyaa borii kabajamu hanga xumuramutti daandilee cufaman ifoomseera.

Haaluma kanaan Daandileen:

-Buufata Xiyyaaraa Boolee-Galmaa Barkumee-Istaayamii-Dambal-Addabaabaayii Olompiyaatti,

-Maggaanaanyaa-Haayaa Huleet-Addaabaabayii Masqalaa-akksumas Boolee Madaaniyaalam-Hoteela Atilaas-Addabaabaayii Masqalaa-Naannawaa Mana Amantaa Uraa’elitti,

-4kiiloo-Addaa Baabyii Masqalaa- Ibsaa Paarlaamaatti
-Piyaasaa-Addaabaabyii Masqalaa- Addaa Baabyii Tewoodiroos Irratti,

-Takilahayimaanot- Meetiworolojii-Gara Istaadiyamii kan geessuu Waajjiraa Meetiwooroolojiirratti,

-Takilahaayimaanot-Hospitaalaa Xiqur Ambassaarraan daandiin geessuu ulaa duubaa Hospitaalaa Xiqur Ambasaatti,

-Siniimaa Raas-Gollaa Mikaa’el-Addabaabayii Masqalaa kan geessuu Gollaa Mikaa’el irratti,

-Geejjaa Safar-Xeenaa Xibbaqaa-Tiyaatiraa Biyyaalessaa-Gommaa Quxxabaatti,

-Dhaddacha Baashaawaldee Garaajii Armaa-Masjiida Filuhaa- Mana Maxxansaa daldaatti,

-Gofaa-Mana Amantaa Qiirqoos Daandii Haaraa-Qaxxaamura Mana Amntaa Qiirqoos irratti,

-Xoorhaayilooch-Lidataa-Hospitaalaa Poolisii-Addabaabaayii Meeksiikoorratti,

-Saariis-Gootaraa-Addaa Baabayii Masqalaa kan geessuu konkolaattotaa sasalphaaf kutaa waraanaa 4ffaa duraaniitti, akkasumas konkolaattotaa guguddaaf naannawaa Siniimaa Agonaatti, konkolaattonni eeyyama darbiinsaa hinqabne halkan keessaa sa’aatii 10:00 irraa eegalee sagantaan ayyanichaa eegalamee hanga xumuramutti cufaa ta’uu eereera.

Hawaasni kana hubachuun daandiiwwan filmaataa biroo akka fayyadamuu fi poolisoota tiraafikaaf deeggarsa baratme akka taasisan waamicha dhiyeesseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.