Artisti Zarihuun Wadaajoo dukkana kaleessaa keessaan ifa har’aa ilaalaa nama darbeedha-Aadde Sa’aadaa Abdurraahmaan
Finfinnee, Eebla 15, 2015 (FBC)- Artisti Zarihuun Wadaajoo Aartii Oromoo utubee dukkana kaleessaa keessaan ifa ha’aa ilaalaa dhaloota kumaa fi kitila horatee nama darbeedha jedhan Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurraahmaan.
Aadde Sa’aadaan, du’aan boqochuu Artisti Zarihuun Wadaajoon gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.
Ibsa isaaniin, hangafa aartii Oromoo kan ta’e qabsaa’aan gameessi Aartiist Zarihuun Wadaajoo du’aan addunyaa kanarraa boqochuu isaa yommuu dhagahu gadda guddaadhaani jedhan.
Artist Zarihun, aartii Oromoo utubee amaanaa qabsaa’ota kaleessaa irraa fudhate osoo hin dagatiin dukkana kaleessaa keessaan ifa har’aa ilaalaa dhaloota kumaafi kitila horatee nama darbeefi guddina aartiifi cehuumsa qabsoo Oromoo keessatti nama jabaa shoora guddaa seenaan hin daganne dalagee darbedha.
Artistiin gameessi kun, umriisaa ijoollummaa, dargaggummaa, ga’eessummaa irraa hanga guyyaa lubbuun isaa dabartuutti jireenya dhuunfaasaaf osoo hin taane, cunqursaa alagaa, roorroofi dararaa sabasaa irra gahaa jiru sagalee isaa kiilolee sanaan ummata isaa dammaqsaa, jaalala, quuqamaafi aantummaa sabaa isaaf qabuun ammoo tokkummaa Oromoo labsaa dhalootaaf dhaamsa jabaa kaa’ee darbeen hojiin, seenaafi maqaan isaa du’aan olitti nu waliin lalisee dagaagee bara baraan jiraata.
Caffeen Mootummaa Naannoo Oromiyaas, du’aan addunyaa kanarraa boqochuu Aartiist Zarihun Wadaajoo yommuu dhagahu gadda guddaa itti dhagaahame ibsaa, maatii, firoottaniifi dinqisiifattoota isaa, akkasumas, ummata Oromoo maraaf jajjabina hawwa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.