Finfinnee, Eebla 15, 2015 (FBC)- Waliigalteen nageenyaa Mootummaa Federaalaa fi ABUT gidduutti taasifame rakkoolee Afrikaanotaaf furmaata Afrikaaf fakkeenya ta’uu Ministira Hariiroo fi Tumsa Idil Addunyaa Afrikaa Kibbaa Naaleedi Paandoor ibsan.
Magalaa Finfinneetti Mata duree Waraanni Haa ga’u; Nagaa Haa mirkaneessinu” jedhuun sirnii beekkamtii fibadhaasaa gaggeeffamaa jira.
Naaleedi Pandoor haasawa sirna kanarratti taasisaniin, qajeeltoo rakkoo Afriikaa Afrikaa Afrikaan furuu fi waldhabdee kutaa Kaaba Ityoophiyaatti walitti bu’iinsa mudate milkaa’inaan furamuu hordofee sirna kana irratti argamuun hedduu na gammachiisa jedhaniiru.
Waliigalteen taasifame kun rakkoo Afrikaa furmaata Afrikaa fiduun akka danda’amu agarsiistuu ta’uu ibsaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.