Sirni Gadaa Melbaa Oromoo Sooddoo hundeessuu gaggeeffame

Finfinnee Eebla 16 ,2015 (FBC)- Sirni Gadaa Melbaa Oromoo Sooddoo hundeessuu Aanaa Sadan Sooddoo Odaa Kallachaatti gaggeeffameera.

Sirnoota darbanitti dhiibbaawwan Oromoo Sooddoorra ga’aa tureen, Sirni Gadaa Oromoo Sooddoo addaan citee turuun eerameera.

Sirni Gadaa Oromoo Sooddoo addaan cite tures bakka Barreessaan Gumii Abbootii Gadaa Oromoo fi Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaan argamanitti eegalchiifmeera.

Wasanuu Gonfaa Abbaa Gadaa Melbaa Oromoo Sooddoo ta’uun Abbaa Muudaatiin muudamuu EBC’n gabaaseera.

Sirnicharratti Abbaa caffee, Abbaa Sa’aa, Abbaa Seeraa fi Abbaan Maati dabalatee miseensonni gadaa sagal muudamaniiru.

Sirni Gadaa Melbaa Oromoo Sooddoo hundeessuun, Sirna Gadaa duudhaa isaa eeggatee dhalootatti dabarsuuf kan tumsu ta’uu eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment