Sababa hannaan Ityoophiyaa kutaa Bahaatti elketirikiin addaan cituun ibsame

Finfinnee, Eebla 12, 2015 (FBC)- Sibiila Utubaa Saraara Olaanaa Humna Elektirikii Awaash irraa gara Dirree Dhawaatti dirriifamerratti naannawaa Huursootti gochaa hannaa raawwatameen naannawaa fi magaalota kutaa Bahaa Ityoophiyaa guutummaarraa humni elektirikii addaan cituu Humni Elektirikii Ityoophiyaa beeksise.

Hanni raawwatames Dirree Dhawaa, Harar, Jigjigaa fi magaalota kutaa Bahaa Ityoophiyaa biroo dabalatee sararaa Ekispoortii Elektirikii Jibuutii addaan cituu eereera.

Sarara addaa cite suphuuf ogeeyyii teekinikaa erguun Qooqaatti humnaa elektirikii filmaataa biraa kennuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu beeksiseera.

Addaan citiinsi humnaa kunis Soomaa Hiikkaa Ramadaanaa irratti dhiibbaa akka hinuumne ogeeyyiin riijinii bahaa fi giddugaleessaa, Qooqaa fi naannawaa Huursootti tattaaffii taasisaa jiraachuu ibseera.

Waan ta’eef, maamiltoonni hojiin suphiinsaa hangaa raawwatutti obsaan akka eegaan gaafateera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment