Qaamoleen Ityoophiyaa fi Sudaan walitti buusuuf tattaaffatan gochaa isaaniirraa of qusachuu qabu-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Eebla 12, 2015 (FBC)- Ummattoota biyyoota obbolaa Ityoophiyaa fi Sudaan gidduutti walitti bu’iinsa uumuuf qaamoleen tattaafatan gochaa isaaniirraa of qusachuu qabu jechuun Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad hubachiisan.

Qaamoleen kunneen odeeffannoo sobaa Ityoophiyaan naannawaa daangaa Ityoophiyaa fi Sudaanitti loltoota ishee daangaatti siqsitteetti jechuun tamsaasuun ta’uu kaasaniiru.

Himannaan kunneen hariiroo biyyootaa kan laaffisuu fi himata sobaa kanas Ityoophiyaan cimsitee kan balaaleffattu ta’uu hubachiisaniiru.

Dhimmi daangaa Ityoophiyaa fi Sudaan mariin akka furamuu amantaa qaban ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment