Oromiyaatti ji’oottan 9’n darban galiin Birrii biiliyoona 54 ol walitti qabame

Finfinnee, Eebla 12, 2015 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti ji’oottan 9’n darban galiin Birrii biiliyoona 54 ol walitti qabame

Manneen hojii kilaastara Bulchiinsaa fi Horataalee Mootummaa raawwii hojii ji’oota salgan darbanii gamaaggameera.

Hoggantuun Biiroo Galiiwwanii Oromiyaa Aadde Maskaram Dabbabaa gabaasa raawwii biirichaa dhiyeessaniin ji’oottan salgan darban galii Birrii biiliyoona 71.8 walitti qabuuf karoorfamee Birriin Biiliyoona 54.7 walitti qabamuu himaniiru.

raawwiin kunis kan bara darbe yeroo walfakkaataan yoo walbira qabamu Birrii biiliyoona 16.8 caalmaa qabaachuu eeraniiru.

Waltajjicharratti Itti Aanaan Pirezedaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii fi hoggantoonni Sekteraalee fi qooda fudhattoonni biroo argamanitti gamaaggamameera.

Waltajjii kanarratti Komiishinii Karoora Misooma Oromiyaa fi Biiroo Galiiwwanii Oromiyaa dabalatee raawwii hojii sekteroota 11 qoratamaa jiraachuu ragaan Waajjira Pireezidantii Naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment