Muuzii ‘tishuu kalcharii fi sakarii’ jedhaman miliyoona 2.5 dhaabuuf hojjetamaa jira-BQO

Finfinnee, Eebla 12, 2015 (FBC)- Barana, biqiltuu sanyii filatamaa muuzii ‘tishuu kalcharii fi sakarii’ jedhaman miliyoona 2.5 dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroo Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Inisheetiivii Muuzii erga labsamee, godinaalee 14 keessatti Muuziin kilaastaraan misoomaa jiraachuu eereera.

Barana humna biyya keessaan biqiltuu ‘tishuu kaalcharii’ sadarkaa barbaadamuun baay’isuurratti hanqinni mudachuu kan eere biirichi hanqinicha furuuf ‘tishuu kaalcharii’ kuma 25 Hindiirra fiduun madaqsuun qonnaan bultootaaf raabsuuf qophiitti akka jiramu eereera.

Waggoota sadan darbanittis biqiltuu muuzii ‘tishuu kaalcherii’ fi ‘sakarii’ miiliyoona 7 fi kuma 263 ol lafa hektaara kuma 2 fi 893 irratti misoomaa jiraachuun beeksiseera.

Bara kanas, biqiltuu sanyii filatamaa muuzii ‘tishuu kalcharii fi sakarii’ miliyoona 2.5 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

Muuziin sanyii filatamaa kana hektaara tokkorra biqiltuun kuma 2 fi 500 kan dhaabbamuu, wagga tokkotti oomisha kan kennuu fi biqiltuu tokkorraa hanga kiiloo giraama 35’tti kan irraa argamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment