Magaalichatti Ayyanaa Iid Alfaaxir sababeeffachuun lammiilee kuma 71 oliif maaddiin qoodame

Finfinnee, Eebla 12, 2015 (FBC)- Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Ayyaana Iid Alfaaxir sababeeffachuun lammiilee galii gadii aanaa kuma 71 oliif maaddii qoodeera.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen, lammiilee galii gadii aanaan jiraatan kuma2 fi 200 oliif maddii qoodaniiru.

bulchiinsi Magaalichaa abbootii qabeenyaa magaalichaa waliin ta’uun baasii Birrii miiliyoona 250’n maaddicha qoodeera.

Hojicharrattis tola ooltonni kumni 7 ol hirmaachuun eerameera.

Aadde Adaanech, wayita soomaa Ramadaanaa lammiilee galii gadaanaa argatan waliin sirna Afxira raawwachuu eeruun, ayyaanicha irratti maaddii qooduutti dabalataan, lammiileef jaalala qabnu kan mul’isnudha jedhan.

Ayyannicha sababeeffachuun manneen jireenyaa haaromfaman 91, maanguddootaa fi kanneen humna hinqabneef kan kennamu ta’uu ragaan Biiroo Bulchiinsaaf Nageenyaa magaalichaarra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment