Kutannoo Ityoophiyaan misoomni waaraan akka hojiirra ooluuf qabdu dinqisiifatame

Finfinnee, Eebla 11, 2015 (FBC)- Kutannoo Ityoophiyaan misooma waaraa akka hojiirra ooluuf qabdu kan dinqisiifatamu ta’uu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Qindeessaan Deeggarsaa Namoomaa ibse.

Ministirri Pilaanii fi Misoomaa Dooktara Fitsum Asaffaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Qindeessaa Deeggarsa Namoomaa Kaatiriin Suuzii waliin mari’ataniiru.

Yaa’ii idil addunyaa gamaaggamaa raawwii ajandaalee fi galmoota misoomaa waaraa 2030’tti milkeessuuf qabaman irratti, hirmaannaa Ityoophyaan taasisaa jirtu ilaalchisee Dooktar Fitsum ibsa laataniiru.

Gufuuleen sadarkaa biyyaalessaa fi idil addunyaa mudatanillee galmoota misoomaa milkeessuuf hojiileen bu’aa galmeessaan hojjetamuu himuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Yaa’icharratti muuxannoowwan gaggaarii akka ciminaatti dhiyaachuu danda’an akka jiran kaasanii, kanaafis qophii gahaan taasifamaa jiraachuu mirkaneessaniiru.

Kaatiriin Suuzii gama isaaniin, qormaatilee garaagaraa keessaa jiraatullee Ityoophiyaan galmoota misoomaa waaraa akka hojiirraa oolan taasisuuf kutannoon qabdu kan dinqisiifatamuudha jedhaniiru.

Biyyattii deebisanii hundeessuu fi deeggarsa namoomaa irratti hojiilee bal’aa gaggeessaa jiraachuu kaasanii, kanaafis qaamoleen tumsitootaa deeggarsa akka taasisan gaafataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment