Finfinnee, Eebla 15, 2015 (FBC)- Ityoophiyaanonni rakkoo isaanii ogummaadhaan hiikuu irratti muuxannoo olaanaa qabu jechuun Duraa Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Mahaammat dubbatan.
Sirni beekkamtii fi badhaasaa qooda fudhattootaa waliigaltee nageenyaa gaggeffamaa jira.
Dura Taa’aan Koomishinii Gamtaa Afrikaa sirna kanarratti haasawa taasisaniin, Kiristaanotaa fi Muslimoota biratti bakka guddaa kan qaban tibba Ayyaana Faasikaa fi Iid Alfaxiir, dhimma nageenyaaf, walitti qabamuun kun hiika olaanaa qaba jedhan .
Afriikaanonni waraanaa mudaterraa badiisaa umamee, waliigaltee umameerraa ammo furmaanni jiraachuun kan baratamuudha jedhan.
Lammiileen Itoophiyaa balaa waraanaa fi bu’aa nagaa sirriitti beeku kan jedhan Muusaa Faakii Mahaammat, rakkoo isaanii ogummaadhaan hiikuu irratti muuxannoo olaanaa akka qaban dubbataniiru.
Bu’aa kanaaf sababni ammoo ciminaan waltumsuu fi ga’umsa hooggansaa ta’uu himaniiru.
Ardiin Afrikaa walitti bu’iinsa irraa bilisa ta’uu qabdi kan jedhan Muusaa Faakiin, Sudaan kanarraa barachuun walitti bu’iinsa irraa fagaachuun rakkoo isaanii nagaan furuu akka qaban dhaamaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.