Ityoophiyaan wayita rakkoon Ameerikaa mudatuun irra deddeebiin deeggarsaa taasifti-Tiiboor Naazhi

Finfinnee, Eebla 16, 2015 (FBC)- Ityoophiyaan yeroo rakkoon Ameerikaa mudatu biyya michuu dhugaa irra deddeebiin deeggarsa taasisaa turtedha jedhan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaatti Ministira Gargaaraa duraanii Dhimmoota Afrika fi Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Ameerikaa kan turan Tiiboor Naazhi.

Mootummaan Ameerikaa adeemsa dippiloomaatota ishee Sudaanitti argaman baasuuf taasifte keessatti Mootummaan Ityoophiyaa fi Raayyaan Ittisa Biyyaa deeggarsa taasisaniif galateeffataniiru.

Pireezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan dhimmicha ilaalchisuun ibsa kennaniin, waraanni Ameerikaa dippiloomaatota fi Maatii isaani Sudaanitti argaman baasuuf oppireeshinii gaggeesseef deeggarsa Ityoophiyaan taasifteef galata dhiyeessaniiru.

Ityoophiyaan wayita Ameerikaa rakkoon mudatuun irra deddeebiin deeggarsa taasisuun kan beekamtu biyyaa michuu dhugaa ta’uu Taaboor Naazhi kaasaniiru.

Ameerikaa keessatti haleellaa shororkeessummaa Fulbaana 11 raawwatame walqabatee Ityoophiyaan Ameerikaaf deeggarsaa fi tumsa ishee argisiisaa turuun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment