Imalli Kutaa Kaaba Itoophiyaatti nagaa buusuuf deemame bu’a qabeessa- Oliseengo Obasaanjo

Finfinnee, Eebla 15, 2015 (FBC)- Pireezdaantiin Naayijeeriyaa duraanii fi Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa Gamtaa Afrikaa Oliseegoo Obasaanjo imalli waldhabdee kutaa Kaaba Ityoophiyaatti nagaa buusuuf deemame bu’a qabeessa ta’uu ibsan.

Sirna beekkamtii qoodaa fudhattootaa waliigaltee nageenyaa Ityoophiyaarratti haasawaa taasisaniin, “hojii nagaa buusuu kanaaf yeroon hiriiru, waldhibdeen sun akka furamu, nageenyi akka mo’atu abdii guutuu qaban ture” jedhan.

Adeemsi nageenyaa mootummaa Ityoophiyaanis ta’e ABUT’n fudhatamaa argachuun tattaaffii nagaa buusuuf taasifamee akka tumse dubbataniiru.

Adeemsa nagaa hordofuun kutannoo mootummaan Ityoophiyaa waliigaltee kana hojiirra oolchuuf qabu dinqisiifachuun bu’a qabeessummaa fi itti fufiinsa waliigaltichaa kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.

Hojiileen hafan akkaataa waliigaltee nagaatiin akka gaggeeffamanii fi hojiiwwan hafan saffisaan akka hojjetaman gaafataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment