Finfinnee, Eebla 16 ,2015 (FBC)-Hammattoo waliigaltee walta’iinsa Chaayinaa-Afrikaa hojiitti seensisuuf mariin gaggeefameera.
Jilli Ministir Deetaan Ministeera Hojii fi Ogummaa Dooktar Tashaalee Bareechaan durfamu Chaayinaatti daawwannaa hojii taasisaa jira.
Qaama hammattoo waliigaltee walta’iinsaa Chaayinaa Afrikaa keessaa tokko kan ta’e kanaan dura kan mallateessan yoo ta’u, waliigaltecha gara hojiitti seensisuuf Chaayinatti mari’atameera.
Marichaanis sirna barnoota teekinikaa fi ogummaa bocame, ijaarsa dandeetti dhaabbilee, deeggarsa meeshaalee leenjii fi dhaabbilee teekinikaa fi ogummaa gara dijitaalaatti jijjiiruu fi dhimmoota waliigaltee biroo hojiirraa oolchuuf dhimmoota dandeessisan waltajjicharratti kaafamaniriu.
Jilichi turtii isaan dargaggoota kennaa qaban filachuu, carraa hojii uumuu fi gama intarpirinariin muuxannoo horachuuf dhaabbilee leenjii fi teeknooloojii garaagaraa akka daawwatan ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.