Haala nageenyaa fooyya’aa dhufe itti fufsiisuuf hojii qindoomina qaamolee nageenyaa akka barbaachisu ibsame

Finfinnee, Eebla 16, 2015 (FBC)- Haala nageenyaa fooyya’aa dhufe itti fufsiisuuf hojii qindoominaa Koomishinaroota Poolisii Federaalaa, naannolee fi bulchiinsa magaalotaa lameenii akka barbaachisu Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabiramikaa’eel ibsan.

Yaa’iin 14ffaan Koomishinaroota Poolisii Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Komishinar Dammallaash Gabiramikaa’eel akka jedhanitti, haalli nageenya biyyattii fooyya’a jiraachuu fi kanas cimsanii itti fufsiisuun hojiileen qindoominaa walitti fufiinsa qabu cimee itti fufuu qaba.

Tajaajila poolisi fooyyessuu fi dandeettii raawwachiisummaa guddisuuf sadarkaa sadarkaadhaan leenjiin kennamaa jiraachuu kaasaniiru.

Yaa’ichaan murteewwan dabarfaman, tajaajila poolisii fooyyessuun, tajaajilaa sirrii kennuuf ni tumsaan eegama jechuu isaanii ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment