Gamaaggamni rawwii hojii Mootummaa fi Paartii kurmaana 3ffaa Oromiyaa gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Eebla 16, 2015 (FBC)- Gamaaggamni rawwii hojii mootummaa fi paartii kurmaana 3ffaa Naannoo Oromiyaa Adaamaatti gaggeeffamuu eegaleera.

Gamaaggamicharratti Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa dabalatee qondaltonni olaanoon naannichaa biroon argamaniiru.

Gamaaggamichi raawwii hojiilee gurguddoo ji’oota saglan darbanii fi kallattii qophii karoora bara 2016 irratti kan xiyyeeffate ta’uun ragaan Waajjira Pireezidaantii naannichaarraa argame ni mul’isa.

Sagantichi guyyoota sadiif tura.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment