Dhibeewwan daddarboo hintaane irratti xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira-BFO

Finfinnee, Eebla 12, 2015 (FBC)-Dhibeewwan daddarboo hintaane irratti mootummaan xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa ibse.

Dhibeewwan dhiibbaa dhiigaa, Sukkaaraafi kaansarii harmaafi fiixee gadameessaarratti xiyyeeffannoo guddaan kennamee hojjetamaa jiraachuu biirichatti Dursaan Garee Dhibeewwan Daddarboo HinTaane Obbo Amaanu’eel Yaadasaa eeraniiru.

Dhibeewwan kanneen hedduminaan tatamsa’anii jiraachuu ibsuun, qorannoo kanaan dura gaggeeffameen namoonni umriin isaanii waggaa 18 ol ta’an %18 dhiibbaa dhiigaa, % 3.2 ammoo dhibee sukkaaraa, dubartoonni umriin isaanii waggaa 30-40 %13 kaansarii harmaa fi fiixee gadameessaa qabaachuu kaasan.

Dhibeewwan kanneen irratti qorannoo bal’aan kan hintaasifamne ta’uu kaasuun, yeroo ammaa hangi namoota dhibeewwan kanneeniin qabamanii, haalaan dabaluu akka danda’u akeekaniiru.

Duulli dhibeewwan kanneen ittisuu fi to’achuurratti jalqabames dhaabbilee fayyaa hunda bira kan hingeenye ta’uu fi hojiileen hojjetamuu qaban hedduun jiraachuu himan.

Ittisaa fi to’annoo akkasuma wantoota saaxilamummaa dhibeewwan kanneenii dabalan irratti hojiin hubannoo hawaasaa cimsuu hojjetamaa jiraachuu dubbatan.

Qaamoleen dhimmamtootaa hundi hojii hubannoo uumuurratti qooda isaanii akka bahatanis gaafataniiru.

Hawaasnis yeroo yeroon sakatta’iinsa, sochii qaamaa taasisuu fi wantoota saaxilamummaa dhibeewwan kanneenii dabalan, kanneen akka itti fayyadama ashaboo/soogiddaa, tamboo xuuxuu fi dhugaatii alkooliirratti of eeggannoo akka taasisan ibsa Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetiif kennaniin dhaamaniiru.

Ayyaanaa Dheeressaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment