Daldala Alaarraa galiin Doolaara biiliyoonni 2.64 argamuun ibsame

Finfinnee Eebla 16 ,2015 (FBC)- Baatiiwwaan saglan darbanitti daldala alaarraa galiin Doolara biiliyoona 2.64 argamuu Ministeerri Daldalaa Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksise.

Kunis karoora baatiiwwan sagaliitti galii argamsiisuuf karoorfame %71.2 raawwachuun akka danda’ame ibsameera.

Galiin argame kanneen keessatti dameen Qonnaa %77.28, oomishaaleen indaastirii %11.95, damee albuudaan %6.53 akkasumas oomishaalee elektrooniksiin immoo %3.61 qooda qabaachuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment