Chaayinaan lammiilee ishee Sudaan keessaa baasuu eegalte

Finfinnee, Eebla 16, 2015 (FBC)- Chaayinaan lammiilee ishee Sudaan keessaa baasuu eegaluu Ministeerri Dhimma Alaa Chaayinaa beeksise.

Walitti bu’iinsa humnoota Sudaan gidduutti uumame hordofee Chaayinaan lammiilee ishee baasuuf Embaasii Chaayina Kaartumitti argamu waliin mari’achuun lammiilee ishee baasuu eegaluun ibsameera.

Chaayinaan lammiilee ishee Sudaanii baasuu kan eegalte Pireezidaantiin Chaayinaan Shii Jiinpiingi eerani, kunis nageenya dhaabbiilee fi lammiilee Chaayinaa biyyoota Afrikaatti argaman cimsuuf kallattii kennuu hordofee ta’uun himameera.

Walitti bu’iinsa Sudaanitti mudateen, biyyoonni garaagaraa dippiloomatoota isaanii Sudaan keessaa baasaa jiraachuun kan yadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment