Biirichi lammiilee sababa hongeen midhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 33 taasise

Finfinnee, Eebla 16, 2015 (FBC)- Biiroon Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee lammiilee naannoo Oromiyaa sababa hongeen miidhamaniif kan oolu deeggarsa Birrii miiliyoona 33’tti tilmaamamu taasiseera.

Hogganaan Biirichaa Dooktar Zalaalam Mulaatu, deeggarsichi hawaasa manneen barnoota magaalicharraa walitti qabame ta’uu eeraaniiru.

Deeggarsi taasifames, uffataalee, midhaan nyaataa fi nyaata beeyladoota ta’uun ibsuun, kanaafis Birriin miiliyoona 33’tti tilmaamamu baasii taasifamuu Dooktar Zalaalam ibsaniiru.

Ogeettiin Koominikeeshinii Buusaa Gonofaa Oromiyaa Eeldaanaa Suleemaan gama isaaniin, naannichatti hojiin lammiilee hongeen miidhaman deebisanii dhaabuu cimee itti fufuu eeruun, hojiilee hanga ammatti hojjetamaniin, lubbuu lammiilee hedduu baraaruun danda’amuu dubbataniiru.

Deeggarsa biirichi taasise galateeffachuun, deeggarsichi cimee akka itti fufuu gafaataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment