Baatiiwwan saglan darban hojiileen jireenyaa qonnaan bultootaa fi horsisee bultootaa jijjiiran hojjetamaniiru-Obbo Abdurraahmaan Abdallaa

Finfinnee, Eebla 11, 2015 (FBC)- Baatiiwwan saglaan darbanitti Naannoo Oromiyatti Jireenya qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa jijjiiruuf hojiilee hojjetamuu Qindeessaan Kilaastaraa Misoomaa Baadiyyaa Obbo Abdurraahmaan Abdallaa ibsan.

Raawwii baatiiwwan saglan darbanii kilaastara baadiyyaa Oromiyaa Magaalaa Adaamaatti gamaaggamamaa jira.

Waltajjicharratti Obbo Adurraahmaan akka jedhanitti, inisheetiiviiwwan jireenya qonnaan bultootaa fi horsiisee bultotaa jijjiiruuf bocaman bu’aa galmeessaa jiru.

Haaluma kanaan inisheetiiviiwwan misooma Qamadii, Garbuu Biiraa, Shaayii, Buna, Damma, Avokaadoo fi Muuzii jireenya qonnaan bultootaarratti jijjiirama qabatamaa fiduu kaasuu TOI gabaaseera.

Haaluma walfakkaatuun hongee waarinaan dandamachuuf ijaarsi hidhaawwan jallisii eegalaman bishaan kuufachuu jalqabuun, baatiiwwan saglan darban hojiileen jireenya qonnaan bultootaa jijjiiran hojjetamuuf argisiistuudha jedhan.

Hoggaanaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammaachuu gama isaaniin, baatiiwwan saglan darban sagantaa Ashaaraa Magariisaa milkeessuu eegalee bara oomishaa 2014/2015 oomishaa waliitti qabameen bu’aa olaanaan argamuu kaasaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment