Afrikaanonni daandii nageenyaaf muuxannoo Ityoophiyaa fudhachuu qabu-Uhuruu Keeniyaattaa

Finfinnee, Eebla 15, 2015 (FBC)- Afrikaanonni hunduu daandii nageenyaa yoo barbaadan muuxannoo Ityoophiyaa fudhachuu qabu jedhan Miseensi Olaanaan Koree Marii Nageenyaa fi Pireezidaantii Duraanii Keeniyaa Uhuruu Keeniyaattaan.

Uhuuruu Keeniyaattiin sirna beekkamtii qooda fudhattootaa marii nageenyaa Finfinneetti gaggeeffaerratti haasawaa taasisaniin qaama adeemsaa nageenyaa ta’uutti hedduu akka gammadan ibsaniiru.

Imala dheeraa adeemsaa nageenyaa keessatti kanneen qooda fudhatan hundaan baga gammaddan jedhanii, “Amma waraanni gara nagaatti jijjiirameera” jedhan.

Garaagarummaa tokkummaa akka cimsuu fi Afrikaa gara badhaadhinaatti kan geessu ta’uu Ityoophiyaa biyya sabaa fi sdabalammoonni waldanda’anii keessa jiraatan fakkeenyaa jedhaniiru.

Itti gaafatamummaan dura bu’ummaa Gamtaa Afrikaa fudhatame rakkoolee Afrikaa Afrikaan furuuf ga’umsaa akka qabu, wanti Ityoophiyaatti ta’e kan mirkaneessuu ta’uu dubbataniiru.

Afrikaanonni hunduu daandii nageenyaa yoo barbaadan muuxannoo Ityoophiyaa fudhachuu qabuu fi muuxannoo kanarraa kan baratamuudha jedhan.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment