Addi Bilisummaa Gambeellaa (ABG) qabsoo nagaaf Gambeellaa gale

Finfinnee, Eebla 12, 2015 (FBC)- Gareen Addaa Bilisummaa Gambeellaa(ABG) qabsoo hidhanoo dhiisuun qabsoo siyaasaa nagaa gaggeessuuf miseensota isaa waliin Gambeellaa galeera.

Gareen hidhatee kun marii nageenyaa Naannoo Gaambeelaa, Sudaan Kibbaa-Juubaa fi Finfinneetti taasifame bu’uureffachuun gara naannichaatti deebi’aniiru.

Pireezidaantiin naannichaa Obbo Umod Ujuluun akka jedhanitti, bu’uura marii nageenyaa gaggeeffameen gareen hidhatee kun nagaan gara biyyaatti akka deebi’uuf waliigalteerraa ga’ameera.

Bu’uura waliigaltechaan miseensonni garichaa hidhannoo isaanii nagaan mootummaa naannichaatti kennuu ibsuun, garichaafis leenjiiwwan haaromsaa garaagaraa akka kennamu beeksisaniiru.

Leenjiin haaromsaa kunis gara sochii misoomaa idileetti akka galaniif akka tumsu eeruun leenjichi kenname wayitaa raawwatus, dameewwan hojii garaagaraarratti akka bobba’an mootummaan naannichaa xiyyeeffannoon kan hojjetu ta’uu eeraniiru.

Duraa Taa’aan Addaa Bilisummaa Gaambeellaa Obbo Gaatiluwaak Buum gama isaaniin, miseensonni garichaa 195 ta’an karaa nagaan qabsaa’uuf Gaambeellaa galuu hubachiisaniiru.

Qabsoon hidhannoo daandii qabsoo baaftuu akka hintaane eeruun qabsoo siyaasaa nagaa taasisuuf waliigalteerra ga’uu dubbachuu isaanii ragaan Pirees sekireetaariyaatii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment