Addeessi yoo har’a galgalaa baate Iid Alfaaxir Jimata boruu kabajamaa-MMWSh

Finfinnee, Eebla 12, 2015 (FBC)- Manni Murtii Waliigalaa Shari’aa Addeessi yoo har’a galgala baate Ayyaanni Iid Alfaxiir Jimata boruu kan kabajamu ta’uu beeksiseera.

Manni Murtichaa Ayyaana Iid Alfaaxir 1444ffaa sababeeffachuun ibsa kenneera.

Ibsichaan hordoftoota Amantaa Islaamaa maraan baga ittiiisin gahee jechuu hawwii gaarii qabuu eereera.

Ayyaanichi kan jaalalaa, kan nagaa fi gammachuu akka ta’uuf hawweera.

Manni murticha Ayyanni Iid Alfaaxir baranaa, yoo Addeessi har’a galgala baate Jimaata boruu kan kabajamu ta’uu ibseera.

Addeessi yoo hinmul’anne immoo ayyaanichi Sanbata kan kabajamuu ta’a jedheera.

Hawaasni Musliimaa wayita ayyanicha kabaju lammiilee rakkatanii fi harka qaleeyyii deeggaruu fi yaadachuun ta’uu akka qabus dhaameera.

Haaluma Walfakkaatuun, Ayyaana Iid Alfaxiir wayita kabajnu lammiilee rakkoo keessa jiran deeggaruun ta’uu akka qabu Pireezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Ityoophiyaa Sheek Hajii Ibraahiim Tufaa waamicha dhiyeessan.

Manni marichaa ayyaanicha ilaalchisuun ibsa miidiyaaleef kenneen ayyaanichi kan nagaa, gammachuu, waliif oo’uu fi wal deeggaruu akka ta’uu hawwii gaarii qabu ibseera.

Pireezidaantiin mana marichaa Sheek Hajii Ibraahiim Tufaan akka jedhanitti, baatii Ramadaanaa keessa magaalota garaagaraatti sagantaaleen Afxira daandiirraa gaggeeffaman nagaan akka xumuramaniif qaamolee gumaacha taasisan hunda galateeffataniiru.

Xumura baatii Ramadaanaa kan kabajamu Ayyaanni Iid Alfaxiir, nagaa fi waliif yaaduun akkasumaas, lammiilee rakkatan gargaaruun kabajamuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.

Faatiyaa Abdallaa fi Birhaan Dassaalanyitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment