Aadde Adaanech Abeebeen Ayyaana Iid Alfaaxir sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Eebla 12, 2015 (FBC)-Kantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Ayyaana Iid Alfaaxir 1444ffaa sababeeffachuun erga baga geessanii dabarsaniiru.

Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin erga dabarsaniin, “baatiin soomaa ramadanaa waliif gadduun kan itti mul’atu, tokkummaa fi obbolummaan baatii itti cimuudha” jedhan.

Hordoftoonni amantaa islamaa hojii gaarii baatii kanatti hojiirra oolchaa turan ayyanicha boodas akka itti fufsisan imaanaa jedhaniiru.

Hawaasni musliimaa wayita ayyana Iid Alfaaxir kabajuu akkuma barsiifata isaa waldeeggaruu fi namoota harka qalleeyyii yaadachuun akka ta’uu waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment