Fana: At a Speed of Life!

Afrikaan Kibbaa hojii deebisanii dhaabuu Ityoophiyaa deeggaruuf qophiidha -Naaleedi Paandoor

Finfinnee, Eebla 15, 2015 (FBC)- Afrikaan Kibbaa hojii deebisanii dhaabuu Ityoophiyaa deeggaruuf qophii ta’uu Ministira Hariiroo fi Tumsa Idil Addunyaa Afrikaa Kibbaa Naaleedi Paandoor dubbatan.

Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnin akkaataa hojiirra oolmaa waliigaltee Nageenyaa Piriitooriyaarratti Ministira Hariiroo fi Tumsa Idil Addunyaa Afrikaa Kibbaa Naaledii Paandoor waliin mari’ataniiru.

Obbo Dammaqaan waliigalteen nageenyaa sirnaan akka gaggeeffamuuf mootummaan Afrikaa Kibbaa deeggarsa taasiseef galateeffatanii, Mootummaan Ityoophiyaa waliigaltecha hojiirra oolchuuf kutannoo qabaachuu ibsaniiru.

Rakkoolee Afrikaaf furmaata Afrikaa kennuun walitti bu’iinsa furuu bira darbee, hojiiwwan deebisanii ijaaruu fi dandamachiisuu irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Dabalataan, Afrikaan Kibbaa hojiilee deebisanii dhaabuu Itiyoophiyaa, keessumaa damee barnootaan tumsaa tasisuuf fedhii qabaachuu ibsuu raagaan Ministeera Dhimma Alaa irraa nu argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.