Fana: At a Speed of Life!

Aadde Sa’aadaa Abdurraahmaan ergaa bagaa geessanii dabarsan

Finfinnee, Eebla 12, 2015 (FBC)- Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurraahmaan Ayyaan iid Alfaxiir ilaalchisuun ergaa bagaa geessanii dabarsaniiru.

Ergaa isaaniin, baatii Ramadaanaa keessatti hawaasni musliimaa soomaafi sagadaan (Salaataan) rabbii waliin irra caalaatti yeroo itti wal argu, dhiifamaan waliif mo’amee yeroo itti waliin jiraatuufi waliif yaadu waan ta’eef ji’a kabajamaa waan gaariin rabbi biraa namaaf itti kennamudha.

Ji’a Ramadaanaa dabarsine kana keessatti, duudhaaleen gaggaarii dhala namaaf barbaachisan yeroo itti raawwataman, jaalalli yeroo itti dagaagu, tokkummaafi hariiroo waliin jireenyaa waloo irratti karaa hundaa’een walqixxummaafi obbolummaan ummattootaa yeroo itti cimee mul’atudha.

Akka barsiisa amantaa musliimaattis, dhalli namaa hiree lafarratti isa mudatuun tokko duroomee, kan biroo hiyyoomus, namni hundinuu waan umama rabbii ta’eef qofa kabajaafi ulfina guddaa rabbi fuulduratti qaba.

Guyyoota ji’a ramadaanaa darban kana keessatti, kan rakkate gargaaruun, kan beela’e nyaachisuun, dhukkubsataa gaafachuufi fayyina kadhachuun, kan daare uwwisuun, kan waldhabe gidduutti araarri bu’ee dhiifamaan waliin jiraachuun, namni firaafi ollaa isaa irra cehuun yaadama namoomaan aadaan walgargaarsaa akka amantaa musliimaatti qabnu Ramadaana bara kanaa irratti mul’achuu danda’eera.

Tokkummaan humna, gurmuun hawaasaa garaa garummaa tokko malee gaaddisa tokko jalatti ijaarameefi qindaa’e yoomiyyuu injifataadha.

Kanaaf, aadaa waldanda’uufi waliin jiraachuu kaleessa qabnu cimsuun, hojiiwwan misoomaa mootummaan hojjetu keessatti hirmaachuun, guddina naannoofi biyyaa keessatti gahee keenya bahachuun duudhaalee amantaa musliimaa keessaa isa tokko waan ta’eef, humna, qabeenyaafi beekumsa qabnuun misooma biyyaa keessatti hirmaannee eebbaafi barakaa rabbi biraa nuuf kennamu qooddachuu qabna.

Hawaasni musliimaa hundi, duudhaalee gaggaarii amantaan musliimaa nu barsiisetti fayyadamnee qe’eefi naannawaa keessa jiraannutti waardiyyaa nageenya keenyaa taanee nagaafi araara buusuun tokkummaan yaadaafi gochaa, miirri obbolummaafi walqixxummaa dhugaa jaalala irratti hundaa’e hawaasa keessatti akka dagaaguufi lafa qabatu taasuun nageenya amansiisaa mirkaneessuu keessatti gahee keenya adda durummaan bahachuu qabna.

Caffeen Oromiyaas, galmoonni guddina naannoofi biyyaa keenyaa milkeessuuf karoorfaman milkaa’anii ummata keenya fayyadamaa taasisuu karaa dandeessisuun akka hojiirra oolaniif yeroo kamiiyyuun olitti kan hojjetu, karoorri marii biyyaalessaa akka milkaa’uuf itti gaafatamummaa dachaa qabu kan bahatuufi biyya waloo ummattoonni biyyattii hundi keessatti of argan ijaaruu keessatti gahee bakka bu’ummaa isaa kan bahatu ta’uu dhaamaa:

Irra deebi’ee hawaasa musliimaa maraan, ji’a eebbifamaa Ramadaanaa nagaan ceenee ayyaana guddaa kanaan baga waliin nu gahe jechaa ayyaanichi kan nagaa, milkii, jaalalaafi injifannoo hunda keenyaaf akka ta’uuf hawwiin qabu ibsa.

Sa’aadaa Abdurahmaan

Afyaa’ii Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Ebla 12, 2015

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.