Obbo Dammaqaa Mokonnin Mana Barumsaa Haayile Sillassee Zanzibaaritti argamu daawwatan
Finfinnee, Eebla 16, 2015 (FBC)- Taanzaaniyaa daawwachaa kan jiran Itti Aanaan Muummee Ministeeraa fi Ministirri Dhimma Alaa Dammaqaa Mokonniin, Zaanzibaaritti Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Hayile Sillaasee daawwataniiru.
Manni barumsichaa waggoota 75 dura akka hundeeffame daawwannaa kana irratti eerameera.
Akka qondaaltonni mana barumsichaa akka ibsanitti, abbaan hundeessaa Taanzaaniyaa Juuliyas Nereeree, maqaa mootichan kan moggaasan mootichi gumaacha bilisummaa Afrikaanotaaf taasisaniif beekamtii kennuufi
Obbo Dammaqaa Mokonnin yaadannoo barreessaniin, dhaloonni ammaa faana abbootii Afriikaa hundeessanii hordofuun, walta’iinsaan hojjechuu qabu jedhaniiru.
Wayita daawwannichaattis, biqiltuu yaadannoo mooraa mana barumsichaa keessa dhaabaniiru.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.