Manni Maree Gamtaa Awurooppaa Ityoophiyaatti nageenyi waaraa mirkaneessuuf deeggarsa akka taasisu mirkaneesse
Finfinnee, Eebla 16, 2015 (FBC)-Manni Maree Gamtaa Awurooppaa nagaa waaraa mirkaneessuuf tattaaffii Ityoophiyaan taasiftu akka deeggaru murtee har’aa dabarseen mirkaneesseera.
Manni maree Gamtaa Awrooppaa mootummaan Itoophiyaa fi ABUT jidduutti nagaa waaraa buusuuf waliigaltee irra gahe guutummaatti akka deeggaru akeekeera.
Ibsa isaan keessatti Itoophiyaan Gaanfa Afrikaa fi naannawaa Galaana Diimaatti biyyaa michuu tarsiimoftuu Gamtaa Awurooppaa ta’uu eerameera.
Waan ta’eef, Gamtaan Awurooppaa tattaaffii fi fooyya’iinsa Ityoophiyaan nagaa waaraa mirkaneessuuf taasiftu dinqisiifachuun deeggarsa barbaachisu hundaa taasisuuf qophii ta’uu ibseera.
Gamtaan Awurooppaa hariiroo Ityoophiyaa waliin qabu cimsuu akka barbaaduu fi walitti dhufeenya kanas gara tumsa tarsiimawaatti guddisuuf kan hojjetu ta’uu eereera.
Ityoophiyaa naannawaa tokko tokkotti muddama uumamaa jiruu fi dhimmi sarbama mirga namoomaa xiyyeeffannoo hordofaa jiraachuu eeruun, rakkooleen jiran mariin akka furaman tattaaffiin akka taasifamu ibsameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.