Fana: At a Speed of Life!

Obbo Geetaachoo Raddaa Ummanni Tigraay nageenyi ammaa mul’atee akka dubbatti deebi’u hinbarbaadu jedhan

Finfinnee, Eebla 15, 2015 (FBC)- Ummanni Tigraay nageenyi ammaa mul’atee akka dubbatti deebi’u ummataa barbadu miti jedhan Pireezidaantiin Yeroo Naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa

Obboo Geetaachoo Raddaan sirna beekkamtii qooda fudhattootaa waliigaltee nageenyaa irratti haasawaa taasisaniin waliigaltee nageenyaa Piritooriyaa booda bu’uuraa waliigaltechaan hojiilee ummataa fi naannichaa fayyadan gaggeeffamuu himaniiru.

Waliigalteen nageenyaa saffisaan akka hojiirraa ooluuf ga’umsa fi kutannoo Muummeen Ministiraa FDRI argisiisaniif galateeffataniiru.

Hojiileen hafaan akkaataa saffisaa fi yeroo qabameetiin akka gaggeeffaman gaafataniiru.

Ummanni Tigraay nageenyi ammaa mul’atee akka dubbatti deebi’u ummataa barbadu miti jedhaniiru.

Miirri wal amantaa duraan ture laafaa ta’uu kan yaadachiisaan Obbo Geetaachoon yeroo ammaa miirri walamantaa mirkanaa’aa dhufuu kaasaniiru.

Hojiileen lammiilee sababa walitti bu’iinsaan barnootarraa fagaataan, qe’eerraa buqqa’an akka deebi’an, tajaajilli geejjibaa kallatti hundaan akka eegalamuu gaafataniru.

Akkasumas hariiroon naannichi ummatoota ollaa naannolee waliin jiruu cimsuuf akka hojjetamuu akka qabuu fi gahee gama isaanii bahachuuf qophii ta’uu ibsaniiru.

Kana booda ummanni Tigraay nagaa fi jaalala barbaada waan ta’eef saffisaan ulaan walitti bu’iinsaa cufamuun nageenyaa mirkaneessaa, gara misoomaatti deebi’uuf fedhii jiru argisiisaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.