Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaan karooraa humna addaa gurmeessuu hojiirraa olchuun fakkeenya- F/M Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Eebla 12, 2015 (FBC)- Oromiyaan karoora humna addaa irra deebiin gurmeessuuf bahe hojiirra oolchuun hojiilee fakkeenya ta’an hojjechuu Itaamaajoor Shuumiin Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaan dubbatan.

Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaan Sirna beekamtii fi guddina gulantaa poolisii Oromiyaarratti argamaniiru.

Saganticharratti Oromiyaan humnoota addaa irra deebiin gurmeessuuf karoora bahe hojiirra oolchuun hojii fakkeenyummaa qabu hojjechuu ibsuun kanaafis galata dhiyeessaniiru.

Poolisii idilee cimaan bifa haaraan gurmaa’uu akka qabus Fiildi Maarshaal Birhaanuun himuu OBN gabaaseera.

Hojii poolisii gahumsa qabu gurmeessuuf naannichaatti hojjetamaa jiru milkeessuuf Raayyaan Ittisa Biyyaa deeggarsa barbaachisu ni taasisas jedhaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.