Fana: At a Speed of Life!

Godina Walaayittaatti namoonni seera cabsaniiru jedhaman 93 to’ataman

Finfinnee, Eebla 12, 2015 (FBC)-Kenniinsa sagalee murtee ummataa Godina Walaayittaan walqabatee namoonni seera cabsaniiru jedhaman 93 to’ataman.

Boordiin filannoo Godinaa Walaayittaatti sagalee murtee ummataa kenname kuffisuu hordofee, cabiinsaa seeraa taasifamanirratti qorannoo gaggeessaa turuun ibsameera.

Dhimmicha ilaalchisuunis Ministeerri Haqaa fi Poolisiin Federaalaa ibsa waloon kennaniiru.

Itti Gafatamaan Qajeelcha Olaanaa Oppireeshinii Qorannoo Yakkaa Biiroo Qorannoo Yakkaa Poolisii Federaalaa Mullisaa Abdiisaan, namootaa 451 keesaa shakkamtootaa ragaa irratti mirkanaa’ee 136 adda baafamuu dubbataniiru.

Kanneen keessaas 18 hoggantoota yoo ta’an, 75 raawwachiistota filannoo ta’uu eeraniru.

Kanneen Biroo Yeroo Gabaabaa Keessatti To’annoo Jala Oolchuuf Kan Hojjetamu Ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Haqaa Fiqaaduu Tsaggaan ibsanii, qorannoo gaggeeffameenis filattoonni sagalee utuu hinkenniin korojjoowwan guutuu, filattoota hingalmaa’iin galchuu, mallattooleen filannoo utuu hinguutamiin hafuun yakkoota raawwataman keessaa ta’uun eerameera.

Seera cabsuun godinicha aanaalee 14tti kan raawatame yoo ta’u, qorannoon gaggeeffamuus cimee kan itti fufu ta’uu Obbo Fiqaaduun dubbataniiru.

Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Amajjii 29, 2015 Naannoo Sabaa fi Sablammootaa Ummatoota Kibbaatti kan argaman godinaalee ja’aa fi aanaalee addaa shanitti murtee ummataa gaggeessuun, bu’aa murtee ummataa Godina Walayittaa seerri cabuun kufaa taasisuun kan yaadatamuudha.

Taarikuu Laggasaatu gabaase

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.