Fana: At a Speed of Life!

Ityoo Teelekoomii fi Koomishiniin Gumurukaa waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Eebla 12, 2015 (FBC)- Ityoo Teelekoomii fi Koomishiniin Gumurukaa waliin hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteessaniiru.

Waliigaltechi qaraxaa fi taaksii gumurukaa gama Teelee Birriin raawwachuun kenniinsa tajaajilaa dijitaalawaa diriirrsuuf kan dandeessisuudha.

Komishinarri Komishinii Gumurukaa Obbo Dabalee Qaabataa, gumuruka Ityoophiyaa ammayyeessuun hojii gaggeeffaman teeknooloojiin tumsuun dhimma filmaata hinqabne ta’u ibsanii, waliigalteen Ityoo Teelekoom waliin taasifames kana kan tumsu ta’uu himan.

Qaraxa gumurukaa fi taaksii Teelee Birriin kaffaluun saffisa fooyya’aan galii gumurukaa walitti qabuu fi nagahee kaffaltii waliin dhahamu hambisuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Hoji Raawwachiistuu Ityoo Teelekoom Firehiiwoot Taammiruu gama isaaniin, dijitaal Ityoophiyaa dhugoomsuuf waloon hojjetamaa jiraachuu kaasanii, waliigalteewwan dhaabbilee gidduutti taasifamu hojiilee kanneen dhugoomsuuf kan tumsuudha jedhaniiru.

Ityoo Teelekoom dhaabbilee kenniisa tajaajilaa dhuufa fi mootummaa garaagaraa waliin waliigaltee taasisuun kenniinsa tajaailaa fi sirna kaffaltii isaanii gara djitalaatti jijjiiraa jiraachuurratti akka argamu yaadachiisaniiru.

Meeroon Mulugeetaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.