Fana: At a Speed of Life!

Argisiisni daldala oomishaalee Gogaa Afrikaa Finfinneetti baname

Finfinnee, Eebla 12, 2015 (FBC)- Argisiisni Daldala Omishaalee gogaa Afrikaa 13ffaan Finfinnee Galma Barkumeetti banameera.

Argisiisicharratti oomishtoota gogaa biyyoota garaagaraa, dhiyeessitoota maashinarootaa, dhaabbilee beekumsaa fi teeknoolojii akkasumsa dhaabbileen Faayinaansii hirmaataiiru.

Ministirri Ministeera Indaastirii Obbo Malaakuu Allibal, wayita argisiisicha bananitti, Ityoophiyaan damee oomishaaf xiyyeeffanaa addaa kennuun hojjechaa jiraachuu ibsanii, ijaarsa diinagdee biyyaa keessaaf gumaacha ni qabaata jedhan.

Pireezidaantiin Waldaa Indaastiriiwwan Gogaa Ityoophiyaa Reedman Badhaadhaa gama isaaniin argisiisni daldalaa kun Afrikaa biyyoota addunyaa biroo waliin walitti hidhuuf kan gumaachu ta’uu eeraniiru.

Sababa weerara vaayirasii koronaan gabaan oomisha gogaa qabbanaa’ee ture gama kanaan dadammaqsuuf kan tumsu ta’uu himan.

Damechi qabiinsaa meeshaalee galtee fi sirna gabaan qormaataa keessa jiraachuu ibsameera.

Argisiisicharratti dawwattoonni biyya keessaa kuma 15 fi lammiileen biyya alaa kuma 2 ol akka argaman kan eegamuudha.

Alamsaggad Asaayyeetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.