Fana: At a Speed of Life!

Ayyaanaa Iid Alfaxir sababeeffachuun duulli qulqullinaa gaggeeffamee

Finfinnee, Eebla 12, 2015 (FBC)- Ayyaanaa Iid Alfaxir sababeeffachuun duulli qulqullinaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Soomni Ramadaanaa xumuramuu hordofee, Ayyaana Iid Alfaxiir kabajamuuf jiru sababeeffachuun duulli qulqullinaa Istaadiyamii Finfinneetti gaggeeffamuu TOI gabaaseera.

Saganticharratti Hoggaantuun Biiroo Misooma Manneenii Magaalichaa Aadde Yaasmiin Wahaabirabii, Abboottiin Amantaa, Abboottiin Gadaa, Hordoftoonni Amantaalee garaagaraa argamaniiru.

Haluma walfakkatuun, Naannoo Hararittis Ayyaanaa Id Al-Faaxir sababeeffachuun duulaan bakka Ayyaanichi itti kabajamu qulqulleeffameera.

Saganticharratti hordoftonnii Amanataalee Kiristaanaa fi Islaama duudhaa waloo ture caalmatti cimee kan itti fufuu ta’uun ibsamuu ragaan Koominikeeshinii naannicharra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.