Fana: At a Speed of Life!

Gabaan Omisha Ityoophiyaa fi Baankii Tsahaay waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Eebla 11, 2015 (FBC)- Gabaan Omisha Ityoophiyaa fi Baankii Tsahaay waliin hojjechuuf sanada waliigaltee mallatteesse.

Waliigaltechas Hoji Gaggeessaa Gabaa Oomisha Ityoophiyaa Obbo Wandimmaaganyi Nagaraa fi Hoji Gaggeessaa Baankii Tsahaay Obbo Yaareed Masfiin mallatteessaniiru.

Gabaan Omisha Ityoophiyaa sirna kafaltii ammayyaa fi sirna walharkaa fuudhiinsa teeknoolojiin deeggaramuun sirna gabaa ammayyaa’aa diriirsuun qaamolee tumsitootaa waliin hojjechaa jiraachuu Obbo Wandimmaaganyi Nagaraan dubbataniiru.

Baankichis michuu kaffaltii 22ffaa ta’uu dubbataniiru.

Baankichi sirna bittaa fi gurgurtaa ammayya’aa uumuuf tattaaffii biyyaalessaa taasifamu akka tumsu amantaa qaban ibsaniiru.

Hoji Gaggeessan Baankichaa Obbo Yaareed Masfiin gama isaaniin, baankichi bu’uura waliigalteen oomishtoota, dhiyeessitootaa fi alergitoota dabaltee hawaasni daldalaa hundi karaa ammayyaa’aan kaffaltii raawwachuun, tajaajilicha saffisiisuuf tattaaffii taasifamu akka deeggaruu fi tajaajila murteessaa akka kennu dubbataniiru.

Saamu’eel Warqaayyootu gabaase

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.