Fana: At a Speed of Life!

Murtiin Ummata Sidaamaa Sirna Federaalaa Jabeessa – Dooktar Abiy Ahimad

0 451

Finfinnee, Sadaasa 10, 2012 (FBC) – Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad murtii ummata Sidaamaa ilaalchisuun ergaa fuula feesbuukii isaanii dabarsaniiru.

Heera mootummaa RDFI irratti uummanni abbaan birmadummaa aangoo biyya kanaa ta’uun ifatti tumameera.
Wabiin ofiin of bulchuufi hiree ofii murteeffachuus mirkanaa’eera.

Kunimmoo kutannoo fi fedhii mootummaan sirna federaalizimii sab-daneessaa cimsee itti fufsiisuufi abbaa birmadummaa aangoo uummataa qabatamaan mirkaneessuuf qabu agarsiisa.

Uummattoota Itoophiyaa hunda waliin taanee sirna federaalizimii sab-daneessa, aad-daneessa, afaan-daneessaa fi dhugaa ijaaruudhaaf kutannoo guddaa akka qabu irra deebi’een isiniif mirkaneessa.

Adeemsi filannoo riifirandamii Naannoo ta’uu ummata Sidaamaa kunis nagaan xumurameera.

Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad milkaa’ina adeemsa dhimma kanaarratti warri kallattii fi al-kallattiin gumaachitanis ulfaadhaa jedhaniiru.

Comments
Loading...