Fana: At a Speed of Life!

Filannoon murtee ummata Sidaamaa nagaan xumurame

0 294

Finfinnee, Sadaasa 10, 2012 (FBC) – Filannoon murtee ummata Sidaamaa nagaan xumuramuu Itti aanaan Preezdaantii Naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw ibsan.

Obbo Ristuun ibsa laataniin filannoon murtee ummata nagaan akka xumuramuu qaamoole tumsa taasisaan galateeffataniiru.

Gaaffii godina Sidaamaa naannoo akka ta’uuf ilaalchisee filannoon guyyaa har’aa Sadaasa 10, 2012 gaggeeffamaa kan ture sa’aatii ka’ametti xumurameera.

Fialnnichi bu’aa qabeessa akka ta’uuf mootummaan naannichaa, boordii filannoo biyyaaleessaa qaamolee nageenyaa bulchiinsa godinichaa walin qindoominaan hojjechuu kaasaniiru.

“Filannichii haala naga qabeessaan xumurameera” kan jedhan obbo Ristuun hojii jarsooliin biyyaa, dargaggoonni, abbootiin amantaa hojjetan galateeffatniiru.

Bu’aa murtee ummataa bu’uura boordiin filannoo biyyaaleessaa ibsuun hojii fulduraa akka hojjetaan ibsaniiru.
TOItu gabaase

Comments
Loading...