Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy du’a obboleessa preezdaantii Emireetoota Arabaa Gamtoomanii gadda itti dhagahame ibsan

0 418

Finfinnee, Sadaasa 10, 2012 (FBC) – Muummeen Ministira Dooktar Abiy Ahimad du’a obboleessa preezdaantii Emireetoota Arabaa Gamtoomanii gadda itti dhagahame ibsan.

Obboleessi Preezdaantii Shee Haaliif Biin Zaayiid Nahiyaan kan ta’e Shee Sulxaan Biin Zaayiid Al Nahiyaan boqotaniiru.

Muummeen Ministira Dooktar Abiy maatii Al Nahiyaan, Itti Aanaa Ajaajaa Humna Waraana Emireetoota Arabaa Gamtoomani Mahaammad Biin Zaayiid Al Nahiyaan akkasumas ummattoota biyyattiif jajjabina hawwuu karaa fuula Tiwiitarii isaaniin ibsaniiru.

Comments
Loading...